(Madda Oduu ABO/MOA/Waxabajjii 02,2009) Gootowwan barattoota Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa Caamsaa 20 guyyaa ummata Oromoo dabalatee ummattoonni cunqurfamoon Impaa’iratti harqoota gabrummaa haaraa wayyaanee jala itti galan gaddaan yaadatuun dabarsan.
Barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa Caamsaa 20 gaddaan yaadatuun cinatti, dhaamsa ummata Oromoof dabarsaniin, ummanni Oromoo Caamsaa 20 guyyaa waanjoo gabrummaa isa hamaa jila itti lixe tahuu isaa hubatee falmaa mirga abbaa biyyummaa itti jirutti akka jabaatu yaamicha godhan.
Ummanni Oromoo Caamsaa 20 gaddan yaadatuu qaba malee guyyaa itti dhiichisuu miti kan je’an barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa, ummatni Oromoo gabroomfataa tooftaa jijjiirratuun isa cunqursaa jiru kana if irraa kaasuuf hadheeffatee ka’uu akka qabu hubachiisan.
Barattoonni Oromoo Yuunversitii Hara Maayaa gama isaaniin kan dur caalaa qabsoo itti jiran kan finiinsa tahuu addeessanii barattoonni Oromoo hundi bakka jiranitti sochii godhaa jiran bifa qindaawaa fi walitti fufiinsa qabuun sagalee diddaa gabrummaa akka dhageessisan yaamicha lammummaa dabarsaniifii jiru.
MOA